Dhiittaa Mirgoota Namoomaa Namoota Hiriira Mormii Bahan Irratti Raawwate Ilaalchisee Ibsa OLLAA

Falls Church, Virginia (12/8/2022) Haleellaan qindaa’aan mootummaa Impaayera Itoophiyaa  fi  hidhattoota finxaaleyyii Amaara sirnichaan deeggaramaniin Oromiyaa keessatti raawwatamaa turee fi jiru gaaga’ama daran hammaataa uummaata Oromoo irra akka geessisaa jiru OLLAA’n ibsoota isaa yeroo garaagaraa bahan keessatti  ifa baasaa fi balaaleffataa tureera. Ajjeechaa seeran alaa qaamooleen nageenyaa mootummaa fi  humni  qilleensaa  biyyatti geessisaa ture, hidhaa  jumulaa, qe’ee irraa buqqaasuu fi qabeenyaa uummataa manchaasuun kanneen muraasa. Gama hidhattoota Amaaraa mootummaan deeggarmaniin immoo, uummati Oromoo kumaatamootan lakkaa’aman ajjeefamuu fi qe’ee ofii irraa buqqa’uu gaheera. Bifa nama sukkannessuun ajjeesanii gubuu fi morma muruun raawwatameera. 

Kanuma mormuuf jecha guyyoota arfan darbaniif hiriirri mormii Oromiyaa bakkoota garaagaraa fi barattoota yuuniversitittiin mooraalee garaagaraa keessatti raawwatamaa akka jiru beekamaadha. Hiriira mormii kana hordofee mootummaan tarkaanfilee midhaa geessisan garaagaraa akka fudhachaa jiru maddeen keenyaa biyya keessaa nuun gahaniiru.  Akka fakkeenyaatti, moora yuuniversitii Haramayya fi Adaamaati reebichi barattota hiriira mormii geggeessan irra gahuu, hidhaa fi ukkaamsaan baratttoa yuniiversiitii Amboo fi akkasumas Oromiyaa bakkoota garaa garaatti  namoota mormiif bahan irra gahaa jirachuu madden keenya ifoomsaniiru. OLLAA gochaawwan mootummaa kanniin balaalefachaa tuqaalee armaan gadii ibsata.

  • Mootummaan namoota sababa hiriira mormii kanaan hidhaman hatattamaan akka gadi lakkisu.
  • Hawwaasi addunyaa gaaga’ama Oromiyaa keessatti ta’aa jiruuf xiyyeefannoo akka kennu
  • Mootummaan gaaga’ama uummata Oromoo irra gahaa jiru dhaabuu fi dhaabisisuun wabii jireenyaa uummataa akka mirkaneessu.
  • Akkasumas, uummati Oromoo  karaa seera qabeessan sagalee isaa dhagessifachuun mirgasaa ta’uu hubachiisuu barbaadana.

[Summary: This Press Release focuses on ongoing protests at universities throughout Oromia which erupted following the recent escalation in violence by Ethiopian security forces and Amhara militia groups (Fano).  The press release notes that OLLAA has received numerous reports from sources on the ground of  Ethiopian security forces responding to protesters with brutality, including reports of beatings, arrests, and disappearances.  As such, OLLAA issued a call for:

  • The immediate release of those protesters who have been arbitrarily detained
  • For the international community to pay attention to the abuses occurring throughout Oromia
  • For the Ethiopian government to respect the rights of its citizens, including the right to peaceful protest]

OLLAA is an umbrella organization that works in collaboration with dozens of Oromo communities around the world.